(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 9,2009) Akka MOA magaalaa Amboo irraa gabaasanitti dabballoonni wayyaanee hojjetoota mootummaa doorsisanii miseensummaa guuchifachuuf ijibbaatan illee hojjettoonni dhamaatii dabballoota diinaa kana bu’aa malee hambisuu tu hubatame.
Keessumattuu hojjetoonni misooma qonnaa fi oggeeyyiin fayyaa gaaffii dhimma Oromoo ilaalu tokko illee yoo kaaftan ni hidhamtu jedhamanii wal gahii irratti akka doorsifaman hubachuun danda’ameera.
Haa tahu malee hojjettoonni mootummaa magaalaa Amboo fi naannoo isii doorsisa ergamtoota diinaaf osoo hin jilbeenfanne, gaaffiilee bu’uuraa kaasuu akka itti fufanii jiran beekuun danda’ameera.
Dabballoonni OPDO ejjennoo hojjetootaa kanatti aaran gama isaaniitiin hojjetoota hanga tokkoo fi barattoota godinaa Shawaa Dhihaa qabanii hidhuunis beekameera.
Oduudhuma wal qabatee nu dhaqqabeen ammoo, Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii karaa UNICEF kunuunsa daa’imman Oromiyaaf gumaache Birrii miliyoona 20 dabballoonni OPDO ukkaamsanii hambisuun, warra walgahii isaanii irratti hirmaatuuf akka durgootti kafalaa jiraachuunis saaxilameera.
Maallaqa kana itti gaafatamaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa kan tahe namni Shaaloo jedhamu fuudhee gara Biiroo Qonnaa Oromiyaatti dabarsuudhaan, maallaqichi karaa sanaan durgoo miseensota OPDOoof akka oolu murteeffamuun hubatameera.
MOA |